Vous êtes sur la page 1sur 2

#Dhaha_Oromoo!

Dhahaan Booranaa akkataa ittiin ummanni Oromoo Booranaa guyyaa, ji'aa fi waggaa lakkaawwudha.
Dhahaan kun Dhaloota Kiristoos Dura bara 300tti ummame. Akka dhahaa kanaatti ji'a keessa guyyaa
29.5tu jira, waggaa tokko keessa ji'a kudha lamatu jiru, waggaa tokko keessa guyyaa 354 ta'a. Dhahaan
kun torban kan hinqabne yoo ta'u guyyonni ji'aa tokko keessa jiran hundi maqaa qabu. Dhahaan
Booranaa
addeessaa fi urjiiwwanirratti hundaa'a.
Seenaa
Oromoon Booranaa dhahaa mataasaa nannoo bara 300 DhKD akka uummate amanama. Iddoo arkiyoo-
astiroonoomii Namoraatungaa kan kaaba Keeniyaa keessatti argamutti, utubaan dhagaa kan kallattii
urjiiwwan Dhahaa Booranaa keessatti itti fayyadaman agarsiisu dhaabbame argameera. Namoraatungaa
II utubaa dhagaa baazaaltii 19 kan qabu yoo ta'u dhagoonni kunis kallattii urjiiwwan torban Dhahaa
Booranaa keessatti fayyadanitti garagaree argama; urjiiwwan kunis Lamii (Triangulum) , Busan (Pleiades)
, Algajima (Bellatrix) , Bakkalcha (Aldebaran) , Arba Gaddu (Central Orion) , Urji Walla (Saiph) fi Basa
(Sirius) jedhamu. Booranni dhahaa kana kalaquuf iddoo astironoomii itti daawwatan kanatti akka
fayyadamaan amanama.
Caasaa
Dhahaan Booranaa dhahaa urjii fi addeessa irratti hundaa'u waan ta'eef, addeessaa fi urjiiwwan torba
waliin daawwachuu barbaachisa. Maqaan ji'oota Dhahaa Boornanaa Bitootessa (Triangulum), Caamsaa
(Pleiades), Bufa (Aldebaran), Wacabajjii (Bellatrix), Obora Guddaa (Central Orion-Saiph), Obora Diqqaa
(Sirius), Birraa (addeessa goobane), Cikawa (gibbous moon), Sadaasaa (quarter moon), Abrasa (baatii
guddaa), Ammajjii (baatii giddugaleessa) fi Gurrandhala (baatii xiqqoo).
Maqaan guyyoota ji'aa 27tu jira. Kanaafis, maqaan jalqabaa lama ykn sadi'i ji'a tokko keessatti irra
deddeebi'ama.
Maqaa guyyoota ji'aa
1. Bitta Kara 10. Gidada 19. Adula Balloo
3. Bita Lama 11. Walla 20. Maganatti Jarra
2. Gardaduma 12. Ruda 21. Maganatti Britti
4. Sonsa 13. Basa Duraa 22. Garba Duraa
5. Sorsa 14. Basa Balloo 23. Garba Ballaa
6. Rurruma 15. Areeri Duraa 24. Garba Dullacha
7. Algajima 16. Areerii Balloo 25. Salban Duraa
8. Lumasa 17. Carra 26. Salban Ballaa
9. Arb 18. Adula Duraa 27. Salban Dullacha
Ji'a tokko kaanirraa addaan baasanii beekuf, marsaa addeessi irra jirtu urjii dhahaa wajjin walitti laaluun
barama. Gareen urjootaa kun Lami (Triangulum), Busan (Pleiades), Bakkalcha (Aldebaran), Algajima
(Bellatrix), Arba Gaddu (central Orion), Urji Walla (Saiph) fi Basa (Sirius) jedhamu.
Ji'ootaa fi Sirna Urjootaa
Dhahaan Booranaa ji'oota 12 qaba. Dhahaan addeessarratti waan hundaa'uf, ji'a tokko keessa guyyoota
29.5 qabata. Kunis waggaa keessatti guyyaa 354 ta.a.
Maqaa Ji'aa Urjii Dhahaa Maqaa Ingiliffaa
1. Bitoottessa Lami Triangulum
2. Caamsaa Busan Pleiades
3. Bufa Bakkalcha Aldebaran
4. Wacabajjii Algajima Belletrix
5. Obora Guddaa Arb Gaddu Central Orion
6. Obora Diqqaa Basa Sirius
7. Birraa addeessa goobana
8. Cikawa addeessa walakkaa caalu
9. Sadaasa addeessa nuusa
10. Abrasa baatii guddaa
11. Ammajji baatii giddu-galeessa
12. Gurraandhala baatii xiqqoo
Akka Dhahaa Booranaatti, waggaa haaran ji'a Bitootessaatti gaafa guyyaa "Bittaa Qaraa" jalqaba. Kunis
yeroo addeessi baatin urjii Lamii wajjin mul'atedha. Kana booda, Dhahaan Booranaa maqaa guyyoota
ji'aa calluma jedhee hordofuudhan amma ji'i kun dhumutti deema. Ji'i itti aanu yeroo addeessi baatin
urjii Busan wajjin baatu jalqaba. Kunis erga ji'i Bitootessaa jalqabee guyyaa 29.5 booda kan
uummamudha. Haa ta'u malee, maqaan guyyoota ji'aa 27 qofa waan ta'eef, guyyoonni ji'a keessa jiran
odoo hin dhumin maqaan guyyaa dhuma. Kunis adeemsuma dhahichaati. Guyyoonni hafan maqaa
jalqaba ji'arratti fayyadaman irra deebi'uun dhuma ji'aatti fayyadamu. Kunis ji'oota hunduma keessatti
tokko yoo ta'u amma urjiin dhahaa fi addeessi waliin dhufanittii jalqa ji'arratti guyyaa lamaa fi sadi'i
gidduutti darbuu danda'a. Ji'i inni sadaffaan yeroo addeessi baatin Bakkalcha wajjin baate jalqaba.
Adeemsi kun ji'oota ja'an jalqabaatif urjoota hafan wajjin ittuma fufuun kan deemu ta'a. Urjiin dhahaa
kun ji'a ja'an hafaniif Oromiyaa keessatti sirumayyuu hin ba'ani. Kanaafuu, jalqaba ji'oota kanaa urjoota
dhahaa odoo hin fayyadamin addeessuma qofa ilaalun murteeffama.
Wabii
Asmarom Legesse. Gada Three Approaches to the Study of African Society. The Free Press A Division of
McMillan Co. Inc, 1973
Doyle, Laurance R. The Borana Calendar REINTERPRETED . Current Anthropology. Physics and Astronomy
Department, University of California, Santa Cruz, at NASA Ames Research Center, Space Sciences
Division, M.S., retrieved: 7 April 2010.
Laurance R. Doyle. Ancient African Skies . The SETI Institute, 7 April 2005; retrieved: 28 September 2014

Vous aimerez peut-être aussi