Vous êtes sur la page 1sur 3

QARO DHALOTA MATERIAL STUDENTS

BIBLE SECTION

PART ONE

FROM GENESIS TO DEUTERONOMY


ITTIIN LIXA INTRODUCTION

Kutaa Macaafa Qulqulluu keessaa Macaafota Seeraa Shanan


Kutaan macaafota Seeraa shaman kun Uumama irraa ka’ee hanga Seera Keessa deebitti kan jiru
dha. Haa ta’uu egaa Seerri Uumamaa kun qabiyyeen isaa haala uumama wantota akka samii,
lafaa , wantota lafa irratti argaman kan of-keessaa qabuu fi dhalli namaas uumama Waaqayyoo
keessaa tokko kan ta’e akkaataan uumama namaas sanuma keessatti haammatama. Waa’ee
cubbuu hojjechuu namaa fi gannata Eden keessaa ba’uu, waa’ee Abraham isa abbaa saba
hundumaa ta’ee, waa’ee dhufaatii saba israaelii fi b iyya Gibxii illee kan keessatti agarruu dha.

Macaafotni seeraa Arfan hafan , Ba’u, Leewwota, Lakkoobsa fi Keessa deebiin guutummaatti
waa’ee saba Israael seenaa isaanii fi walitti dhufeenya isaan Waaqayyo waliin qaban kan nutti
himuu dha jechuu dha.

Boqonnaa Tokko

Seera UUmamaa

Qabiyyee Seera Uumamaa fi akkaataa toora uumamaa

1. Waaqayyo Jalqabatti maal akka uume fi akkamitti akka uume .

1.1 Waaqayyo Jalqabatti bantiiwwan waaqaa fi lafa uume. Itti aansuun Ifaa fi dukkana uume…
kun walumatti guyyaa jalqabaatti ta’e.

1.2 Waaqayyo guyyaa lammaffaatti Bantiiwwan Waaqaa Gargar baasee tottolche/ sirreesse.

1.3 Waaqayyo guyyaa sadaffaatti lafaa akka argamu godhe, galaanota gar-tokkotti sassaabe,
Biqilaan akka biqilan godhe.

1.4 Waaqayyo guyyaa Afuraffaatti ;- Ibsoota ni uume, urjootas ni uume, isaan kunis guyyaa fi
halkan akka gargar akka baasaniif godhe.

1.5 Waaqayyo guyyaa Shanaffaatti ;- wantoota lubbuu qaban hundumaa ni uume.

1.6 Waaqayyo Guyyaa Ja’affaatti ;- “Kottaa! Akka bifa keenyaatti, akka fakkaattii keenyaattis
nama in uumna ,isaanis guutummaa wantoota jiran hundumaa irratti gooftummaa/ aboo haa
qabaatan jedhe…. Namnis haala kanaan uumame.
1.7 Waaqayyo guyyaa torbaffaatti; - wanta uume kana hundumaatti ni boqote, guyyichas ni
eebbise.

Boqonnaa lama

Seenaa dhala namaa fi akkaataa dhufaatii Addunyaa har’aa

Waaqayyo biyyoo lafaattii nama tolchee, hafuura jireenya itti godhu funyaan isaatti in baafate;
akkasitti namni uumama lubbuu qabaatee jiraatu ta’e.

Waaqayyo biyya ba’a biiftuu tti dhaaba eden jedhamu dhaabee nama achi keessa kaa’e.

Namichi qophaa jiraachuun gaarii akka hin taane argee gargaartuu isaa ,hirriba itti buusuun
cinaacha isaa keessaa lafee tokko fuudhee, haadha manaa isa fakkaattu in tolcheef.

Vous aimerez peut-être aussi