Vous êtes sur la page 1sur 5

KUTAA 644

IRREECHI AMANTII MOO AADAADHA?

Oromoon jidduu kana Irreechi amantaa moo aadaadha jedhee wal-gaafata, wal-nyaachaas jira. Gariin
ammoo "Amantii moo Aadaa" jecha jettu kana qoosaa jecha qolaa godhee ittiin qaroomina ibsachuu
barbaada. Ani garuu waanumti naaf galuu dide Oromoon dhuguma Irreechi maal akka ta'e wallaalee wal
gaafataadha. Akka nama Waaqayyoon beekuutti, akkasumas Kristoos irraa lammaffaa dhalate tokkootti
buruqsinee dhugaa walitti himuu qabna. Fudhattes, dhiiftes, na arrabsites dantaa koo miti!

Irreechi ayyaana Waaqeeffattootaa kan Waaqa galateeffannaafi kadhannaati. Ayyaanni Irreechaa kuni
kan Oromooti haa jedhamu malee addumatti kan hordoftoota amantaa Waaqeeffannaati. Sababni isaa
Oromoo hundi hordoftoota amantaa waaqeffataa waan hin taaneef. Waaqeffattoonni yeroo waaqa
isaanii waaqeffatan maqaa Waaqa, Rabbii, Waaqayyo, Uumaa, Gooftaa, Waaqa tokkicha, Waaqa
gurraacha, Abbaa koo, Waaqa garaa gurraachaa (Waaqa with holy heart) fi Waaqa gurraacha garaa
garba (black God with heart like ocean) jedhu' faatti fayyadamu.

Waaqeffannaan sirna amantii Waaqa tokkichatti amanuu fi lubbu qabeessi hundi isaan uumamuu
fudhachuu dha. Waaqeffannaan Oromoos dabalatee amantii sanyii Kuush hunda biratti mul'atuudha.
Oromoonni waggaa kuma hedduudhaf amantii waaqeffannaatti bulaa ture.

Sirni galateeffannaa fi kadhannaa waaqeffattootaa Qaalluudhaan hoogganama. Qaalluun gosa Oromoo


keessaa isa tokko, Qaalluun Oromoo biratti iddoo guddaa qaba, san keessaa akka hoggantoota amantaa
Oromootiif oolu, gama biraatiin yeroo kadhaa akkasumas yeroo galfannaa kan hogganu qaalluudha.

Amantaa kana keessatti Waaqeffattoonnii fi Qaalluu ykn Qaallittiin baayyee jaallatamoo dha;
keessaahuu geggeessitoonni garmalee waan nama jaalataniif waan jaalalli mataansaa nama ta'ee dhufe
fakkaata.

Akka Waaqeffannaatti, uumama hundaaf, Waaqni Ayyaana kenneeraf. Ayyaanni Waaqa fi uumama
gidduutti akka riqichaatti ilaalama, akkasumas fedhii Waaqaa akka isaanitti agarsiisutti fudhatama.
Ayyaantuun nama Ayyaana wajjin dubbachuu danda'uu fi amantoonni seera, duudhaa fi qabeenya
Waaqaa akka eeganiif geggeessummaa kennaniidha. Waaqni uumamuu fi jiraachuu Ayyaana, lubbu-
qabeessa fi lubbu-dhabeessa, wantootaa fi al-wantoota hunda too'ata, akkasumas madaallii Waaqaa fi
lafaa sirreessa jedhamee amanama.
Waaqeffannaa keessatti, Waaqayyo namoota waliin kan wal-qunnamu karaa ayyaanaati. Dureewwan
amantii akka bakka bu’oota Waaqaatti ilaalamu. Akka Waaqeffannaatti, Waaqayyo ayyaanota kana
laggeen, tulluuwwanii fi mukkeen gurguddoo keessa kaa’era. Kanaaf bakkeewwan ayyaanonni jiraatan
lafa eebbifamoo fi kabajamoo jedhamanii amanamu. Bakkeewwan eebbifamoon kunneen bakkatti
namoonni amantii itti gaggeeffatan, wareeggatanii fi Waaqa itti kadhataniidha.

Akka amantaa waaqeffannaatti gatiin cubbuu jireenya isa du'a boodderratti osoo hin taane, asuma
jireenya isa ammaarratti nama ga'a. Waaqayyo namoota cubbuu hojjatan adabuuf bakki gubannaa
(Sihool) inni qopheesse hin jiru. Waaqeffattoonni hammeenyi fi rakkinni lafa kanarratti namarra ga'u
sababa hojii yaraa namoonni hojjatanii fi murtii dogoggoraa isaan murteessanirraa kan ka'e dhufa
jedhanii amanu, kana jechuun bu'aa cubbuu namoonni hojjataniiti jechuu dha.

Gimbii amantaa waaqeffattootaa keessatti hojiileen hojjataman; dalaguu ykn jeekkaruu (dancing or
spiritual songs), irreessa kennuu (green leaf the symbol of fertility as a gift), wareeguu (offerings),
hammachiisaa (blessing babies), gashaa ykn galchaa (delicious food brought to gimbi)' faa kan
jedhamaniidha.

Ayyaaneffata Oromoo keessatti, ayyaanota amantii baay'eetu jira. Isaanis Ammachiisa/Moggaasa,


Booranticha, Ateetee, Wadaajo/Wadaaja, Ayyaana Irreecha Malkaa fi Tulluu, Taaboree/Ukee,
Ingiccaa/Qunnii darbaa, Gannii/Qillee, kana malees ayyaanotii guyyaa lafaa (ayyaana dachii), guyyaa
sanyii (jaarii) fi kkf hedduun kan maqaa hin dhahamin ni kabajamu.

Duri duri irraa kaasee Oromoo harki caalaan amantaa waaqeffannaa kanatti dhimma ba'aa waan asi
ga'eef aadaa sabichaa keessattis shoora guddaa taphateera. Akkasuma uffata aadaa Oromoo waliinis
hidhata jabduu qabaateera. Kanaaf har'a yeroo sirni waaqeffannaa kun geggeeffamu hunduu uffata
aadaa uffatee deema.

Ayyaanni Irreecha uffata aadaan faayamanii harka marga jiidhaa qabatuun kabajama. Yeroo malkaa
bu'an ykn tulluu bahan, haati golaa siinqee qabatte, caaccuu naqatte mareewoo, yaa mareehoo jechuun
dura deemu. Abbaa Gadaan immoo bokkuu qabatee, kallacha hidhate Abbaa Duulaan durfamuun
hordofu. Shamarraniifi dargaggoonni dhiichisaa ykn jeekkaraa deemu.
Duruma irraa kaasee Oromoon sirna isaa keessatti mirga dhala namaatiif iddoo guddaa qaba. Isaan
keessaa tokko ammoo mirga amantaa walii waliif kabajuuti. Oromoon dirqiin nama Oromoo ta'e mara
amantaa waaqeffataa hordofi jedhee hin beeku. Egaa akkuma kana Oromoo ta'ee namni amantaa biraa
hordofu martuu amantaa waaqeffattootaa kabajuufii qaba. Yoo amantaa kootu sirriidha jedhee kan itti
amanu ta'e ammoo bifa arrabaan utuu hin taane bifa namusa isaa eeggateen nama barbaadeef dhugaa
ba'uu qaba.

Fakkenyaaf amantaa Muusilimaa keessatti ayyaanni Irreechaa Shirkiidha yeroo jedhamu arraba.
Akkasuma kanneen amantaa kana hordofaniif illee kabaja dhabuudha. Iddoo kanaa ayyaanni Irreechaa
Oromoo Muslimaa bakka hin bu'u yoo jedhan salphata. Namni amantaa Muslimaa hordofu tokko bakka
Irreechaa dhaquun kan kabaju yoo tahe Rabbii irratti qindeesse jedhama waan taheef yoo towbate
malee warra Azaabaa akka tahu amanama. Kunis seera amantichaa waan ta'eef mirga amantaa sanaati.
Warri amantaa waaqeffatootaa hordofan maaf kana jettu jedhanii Oromoo amantaa Muslimaa hordofan
arrabsuu hin qaban.

Gama amantaa Kristiyaanaa, addumatti ammoo hordoftoota amantaa Pirotestaantiitti deebinee yoo
ilaalle, bu'uura Wangeelaan amantaan waaqeffattootaa, akkasuma sirna amantichaa keessatti kan
geggeeffamu waaqeffannaan fudhatama hin qabu. Namni tokko Kristoos irraa lammaffaa dhalatee sirna
amantaa waaqeffannaa keessatti geggeeffamu nan raawwadha yoo jedhe walumaagala Kristoosiin
ganuu isaati. Sababni isaa bu'uura Macaafa Qulqulluutiin waantonni wal-dhiitan hedduun waan jiraniif.
Isaan kana amma hin dubbadhu.

Firoota koo namni tokko jireenya isaa irratti Gooftaa waaqeffatu lama matumaa qabaachuu hin danda'u.
Kanaaf Waaqayyo macca isaaf yeroo seera kenne "Waaqayyolii kan biraa tokko illee ana bukkeetti hin
qabaatin!” (Bau. 20:3) jedhe. Dhugumatti akka sagaleen Waaqayyo jedhutti adeemna yoo ta'e
dhaadannoon "Irreechi hirree kooti, Yesus Gooftaa kooti" jedhu waliin hin hojjetu. Lamaanuu fuula
walitti isaan hin fidne garaagaraa qabu.

Kristoos yeroo duuka buutota isaa barsiisu karaa tokkichi namni ittiin abbaa argu isa qofaa akka ta'e
dubbate. “Yesus deebisee, "Karichi, dhugaan, jireenyis, ana; anaan yoo ta'e malee, eenyu iyyuu gara
abbaa hin dhufu.” ( Yoh. 14:6)

Keessumaa waanti nuti har'a akka waan salphaa tokkootti goonu jireenya amantii keenyaa irratti
dhiibbaa jabduu akka fidu quba akka qabaattanin barbaada. Tarii waanti nuti walii keenya
gammachiisuuf goonu Waaqayyo waliin hammam walitti nu buusa jennee mataa keenya gaafachaa
deemuun dirqama isa itti amanneeti. Tarii maal-dhibdii kan goonu yoo ta'e garuu qooda jireenyichaa
keessaa hir'achuu taati.

Yeroo tokko sabni Waaqayyo irraa garagalee waaqeffannaa biraa keessatti dhidhime. Waaqayyo baay'ee
waan gaddeef raajicha Isaayyaasiin isaanitti ergee “Isin warra ana Waaqayyoon dhiiftanii, tulluu koo isa
qulqullaa'aa irraanfattanii, 'Gaad' waaqayyolii milkii fi, 'Maanii' Waaqayyittii Ateeteef maaddii
qopheessitanii, dhibaayyuufis daadhii waynii qodaatti in guuttani” (Isa. 65:11) ittiin jedhe. Sababa
kanaafis adaba isaanitti dhufuu malu itti hime. Hubadhaa Ateeteen sirna waaqeffannaa waaqeffattootaa
keessaa tokko.

Akka sabaattis yoo ilaalle sabni aadaa mataasaa qaba malee, amantii tokko qabaachuu hin danda'u, hin
qabaatus. Amantiin yeroo mara dhuunfaatti dhugeeffatama. Kanaaf amantiin kan abbaati jedhama.
Amantii kamuu dirqamaan walitti fe'uu hin dandeenyu jechuudha.

Oromoon akka sabaatti laalaa waggoota dheeraa gantuu isa jidduu dhalattee ormaaf karaa taateen
miidhama hedduu qaba. Har'as fakkeessitoota akka kanaan miidhamaa jira. Kanaaf fuula xiiqiitiin
waliisaa bira dhaabachuuf hin seesu. Kana jechuun ammoo kabaja walii isaa qabu agarsiisuuf jecha
dhimma itti ba'a malee amantaa hundumaa quba kaa'uuf miti.

Erga akkas ta'ee Kristiyaanonni bakka Irreechaatti afaan guunnee hin argamin jechuu hin dandeenyu.
Kan amantii kooti jedhee itti amanu haa irreeffatuu, Oromoon tokkummaa fi jaalala isaa mul'isuuf
guyyaa kana yoo waliin oole rakkoo qaba jedhee hin ilaalu. Garuu waan ati dagachuu hin qabne
Waaqayyo keessoo lafee fi ribuu kee (intetion) kee qoree waan ilaaluuf haleeltee maalitti akka jirtu
qoruu qabda.

Asitti waanti ani jechuu barbaadu guyyaan kun addumatti guyyaa galateeffannaa hordoftoota amantaa
waaqeffataati waan ta'eef kristiyaanonni bakka sana deemtanii faarfachuu irraa of qusadhaa. Kun
adeemsa keessa gara walitti bu'iinsaatti obboloota geessuu mala.

Inni biraan guyyaan Irreeffannaa guyyaa waaqeffannaa Waldaa Kristiyaanarra kan oolu yoo ta'e,
Kristiyaanonni waaqeffannaa mana amantaa isaanii dhiisanii bakka kana ooluun fafa. Matumaa ija
kristiyaanummaa irraa argamus ni busheessa. Kanaaf ulaa kanatti of eeggannoo guddaa feesisa.
Waaldaan kristiyaanaas addumatti tajaajiltootaa fi amantoota isheef hordoffii barbaachisaa taasisuu
qabdi. Kun yoo hin taane waan hundumtuu gad-dhiisii ta'a.
Akka dhuunfaatti waanta nuti gochuu fi beekuu qabnutu jira. Innis Waaqayyo dirqamaan utuu hin taane
jaalalaan nu jaallate. Nutis nama kamitti yeroo waa'ee Kristoos dhugaa baanu jaalalaan gochuu qabna.
Yoo dide ammoo dhimma isaati! Kanaaf nama Kristoosiin keessa isaatii hin qabneef ani dhaamsa armaan
gadii kanaanin goolaba!

“Waaqayyoof hojjechuun isin duratti hamaa yoo fakkaate garuu, waaqayyolii warra abboonni keessan
lagicha gamatti hojjechaafii turaniif yookiis warra kan Amoorota isin biyya isaanii keessa teessan kanaaf
hojjettu yoo ta'e, har'a eenyuuf akka hojjettan fo'adhaa!' Garuu anii fi manni koo Waaqayyoof in
hojjenna" jedhe.”

— Iya. 24:15.

Vous aimerez peut-être aussi